Talaallin human papillomavirus maal?

แชร์
ฝัง
  • เผยแพร่เมื่อ 29 ส.ค. 2024
  • Talaallin human papillomavirus maal?
    Human papillomavirusiin dhukkuba wolqunamtii saalaatiin nama irraa namati darbuudha.
    Talaalliin human papillomavirus jedhamuun bekamu kunis dhukkuba wol qunamtii saalaa vaayrasii Kanaan nama irraa namaati darbu dabalatee dhukuboota gosa sagal nama irraa ittisuuf gargaara.
    Vaayrasiin kun dhukkubootaa kaansarii gadaameessaa, qaamaa saala dhiiraa, fi qaamaa saalaa dhalaa faa namarraan geessisuu danda’a.
    Taallin papillomavirus nama akkamtiif kennama laata?
    Talaallin kun daa’immaan barnootaa sadarakaa tokkoofaa baratan umriin isaanii woggaa 11 hanga 12 gidduutti jiraniif kan kennamu ta’a.
    Daa’imman talaali kana yerooti hinfudhatin hanga umriin isaanii woggaa 26 guutuutti biyyaa kaanadaa keessatti tolan talaalamuu danda’u.
    Talaalli papillomavirus akka hin talalamne namoonni gorfaman namoota akkamiiti laata?
    Talaalli kana talamanii yoo dhukkuba allergy tiif saaxilaman talaalli kana akka hinfudhanne gorfamu.
    Sababa talaali kanaatiin nammoonni dhibee Kanaan dura hinqabneef yoo saaxilamanis, talaali kana akka hin fudhane taasifamu.
    Yoo ulfaahuuf yaada qabaatan talaalli kana talaalamun dubartii ulfaatiif gaarii miti.
    Mallatoowwan daa’imman talaalli human papillomavirus talaaman irraati mulachuu malan maal faa dha?
    Iddon qaamaa lilmeen woraaname diimachuu, qaamni rifachuu, yookaa iita’uu, qaamaa caccabsuu, gubaa qaamaa, qorsiisaa, haqisiisuu,dhukkuba garrachaa fi nyaanni nyaatamuu diduu faa dha.

ความคิดเห็น •